AMN PLUS – Caamsaa 12/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeefi jilli Itoophiyaa isaaniin durfame Azarbaajaanitti argamu misooma qarqara laggeenii Kaaspiyaa daawwateera.
Aadde Adaanech daawwannaa isaaniitiin Azarbaajaanotni guddina amma irra jiraniin guddanneerra, nu gaheera jedhanii misooma magaalaa akka hin dhaabiin ibsaniiru.

Misooma itti fufuun gandoota isaanii bara dheeraa tajaajilan haaromsaa jiraachuu kan ibsan Aadde Adaanech pirojektoota akka ‘Sea Breeze’ jedhaman bocuun bakkeewwan kanaan dura misoomaaf hin oolchiin irratti karoora waggoota 16 keessatti manneen Kuma 50, hoteelotaafi misooma biroo hojjechaa jiraachuus daawwannaa isaaniin taajjabuu ibsaniiru.
Mootummaafi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa qindoominaan hojiilee fakkeenyummaa guddaa qaban hojjechaa jiraachus Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.

Kantiibaa Adaanech muuxannoon Azarbaajaan Baakuu jiru Itoophiyaa Finfinneettis hojiirra oolaa jiraachuu yaadachiisuun waggaatti misoomni manneen jireenyaa Kuma 100 haala gaariin hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Bakkeewwan yeroo dheeraa tajaajiluun haaromsa barbaadan haaromsuun wal qabatee kanneen akka pirojektii Caakkaa,Galaan Gurraa,Ganda Mahaammadiyyaa, Addis Tumooroofi kanneen biroo misoomaan hanga akka haaraatti ijaaramuun magaalaa biroo fakkaatanitti hojjetamuu kan eeran Aadde Adaanech iddoowwan hawwata turizimii haaraan, rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa salphiisuuf haalli itti deemame murteessaa tahuufi gara fuulduraas cimee akka itti fufu kaasaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saffiisaafi qulqullinaan hojjechuun Finfinnee maqaa ishee fakkaattuuf imalli eegalame cimee itti fufuun dorgomtummaan akka idil addunyaatti magaalattiin qabdu akka galma gahuu ni hojjennaa jechuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.