AMN PLUS – Caamsaa 12/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hojiin gabaa tasgabbeessuuf hojjatame milkaa’aa ta’uu ibsaniiru.
Kantiibaan Adaanech har’a hoggantoota sektaroota, kutaalee magaalaa fi aanaalee waliin gabaa tasgabbeessuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf akkasumas sirreessuuf hojii hojjatame qorachuu isaanii Waajjirri Kantiibaa beeksiseera.
Kenniinsi tajaajilaa hojmaata idileenis ta’e tajaajilli Giddu Gala Tokkoo A-Masoob akkuma karoorfametti fooyya’uu Kantiibaan Adaanech hubachiisaniiru.

Dabalataanis ulfaatina jireenyaa hir’isuuf, gabaa tasgabbeessuu fi sirreessuuf hojiin hojjatame harki caalu bu’a qabeessa ta’uu eeruun, ta’us gatiin meeshaalee bu’uuraa tokko tokkoo ammallee guutummaatti akka gadi hin buune hubachuun akka danda’ame Kantiibaan ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhataman tokko tokko cimanii kan itti fufan tahuus ibsaniiru.