Walligaltee imala obbolummaa magaalotaa ardii qaxxaamure – Finfinnee hanga Baakuu! maal quba qabdu?

You are currently viewing Walligaltee imala obbolummaa magaalotaa ardii qaxxaamure – Finfinnee hanga Baakuu! maal quba qabdu?

AMN PLUS – Caamsaa 12/2018

Magaalaan Finfinnee magaalota addunyaa 30 ol waliin hariiroo obbolummaa uumuun guddina waaraa fi innooveeshinii magaalummaa ishee babal’isuu irra darbee muuxannoo qooddachuu irraa gara muuxannoo qooduutti dabartee jirti.

Jilli Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen durfamu daawwannaan hojii Azarbaajaan magaalaa Baakuu fi misooma qarqara lageenii Kaaspiyaa daawwachuun magaalotni guddatan illee misoomni nu gaha jedhanii akka hin dhaabne kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Finfinneettis waggaatti misoomni manneen jireenyaa Kuma 100 haala gaariin hojjetamaa jiraachuu muuxannoo qooduun bakkeewwan yeroo dheeraa tajaajiluun haaromsa barbaadan haaromsuun wal qabatee kanneen akka pirojektii Caakkaa,Galaan Gurraa,Ganda Mahaammadiyyaa, Addis Tumooroofi kanneen biroo misoomaan hanga akka haaraatti ijaaramuun magaalaa biroo fakkaatanitti hojjetamuu ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee muuxannoo qooddachuu irraa gara muuxannoo qooduutti kan ceete yoo ta’u gama tuurizimiin hojiin ajaa’bsiisaa hojjatame dippiloomaasii aadaa ta’uu irra darbee haga invastimantii hawwachuutti dhaqqabuun sadarkaa magaalichaa gara idil addunyaatti guddisuu irra darbee, magaalaa dippiloomaasii fi naga qabeessa addunyaa taateetti.

Dippiloomaasiin gama obbolummaa magaalotaan dagaagaa adeeme ammoo sadarkaa mana qopheessaa irraa ol guddatee haga muuxannoowwan misooma magaalaa, teeknooloojii dijitaalaa fi misooma magariisaa akkasumas eegumsa, kunuunsaa fi haaromsa akkasumas beeksisa hambaalee seenaatti imaleera.

Waliigalteen magaalotaa mallatteeffamuu irraa haga qindoomina gochaan mul’atutti fulla’uun haga jijjiirama pilaanii magaalotaa fi ammayyummaa isaaniitti hojjatameera, jijjiiramni olaanaanis mul’ateera.

Finfinneen jila guutuu, naannolee muuxannoo kana babal’isan qabattee Baakuutti argamtu bara faranjootaa darbe 2025tti magaalaa Kuwaalaa Laampur saffisa ajaa’ibsiisaan cehaa jirtu irraa muuxannoo qooddatte akka lafatti hin bal’eessine, imala Baakuu irratti hojii fakkeenyummaa qabu qoodame irraa hubachuun ni danda’ama.

Keessumaa bulchiinsa dijitaalaa, geejjiba magariisaa, misooma tuurizimii fi inavastimantii babal’isuun muuxannoon Finfinneen qooddatte cehumsa roga maraa ishee saffisiisuu fi si’eessuun gumaacha olaanaa qaba.

Baroota jijjiiramaa as magaalota 30 ol irraa muuxannoo guddaa Finfinneen qooddatte jijjiirama hunda galeessa galmaa’eefi nama irratti xiyyeeffateef qooda guddaa qabaachuun ni hubatama.

Hariiroon michummaa Finfinneen magaalota akka Liipzig, Rijaa’oo, Chanchin, Waashingtan Dii Sii, waliin mallatteessite barnoota, cehumsa teeknooloojii, bu’uura misoomaa ismaartii, ijaarsa haala naannoo giddu galeessa taasifate, tuurizimii, daldalaa fi dhimmoota ammayyummaa fi diinagdee hedduu of keessaa qabu, hojii misoomaa roga maraan magaalicha keessatti hojjatameen mul’ateera.

Finfinneen jijjiirama muuxannoo idil addunyaa fudhatte hojiitti hiikuuf rakkachaa turte amma garuu muuxannoo biyyoota alaa fudhatte beekumsa, ogummaa, humna namaa, qabeenyaa fi baajata mootummaa, deggersi jiraattotaa biraa dhabamee hin beekneen walitti kurfeessitee hojii misoomaan agarsiisuun muuxannoo qooduu eegalteetti. Imalli obbolummaa Finfinneen bara jijjiiramaa as hoggansa Kantiibaa Adaanech Abeebeen itti fufte ardii qaxxaamure magaalota addunyaa gurguddoo ta’anitti tarkaanfateera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply