Hariiroon Raashiyaa fi Chaayinaa “Daangaa kan hin qabne” – V.Puutin

You are currently viewing Hariiroon Raashiyaa fi Chaayinaa “Daangaa kan hin qabne” – V.Puutin

AMN PLUS-Caamsaa 12/2018

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin gita isaanii Chaayinaa Shii Jiin Piingi waliin Beejingitti mari’ataniiru.

Pirezidaanti Puutin daawwannaa hojii Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Beejingitti taasisan hordofuun, Chaayinaatti kan imalan yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaanii “Daangaa kan hin qabne” jedhamuun ibsamuu BBC’n gabaaseera.

Puutin tumsaa fi hariiroon diinagdee biyyoota michuu lamaanii cimaa fi qajeelaa ta’uun itti fufuu ibsuu isaanii miidiyaaleen Raashiyaa gabaasuu ‘Xinhua’n gabaaseera.

Pirezidaanti Jiin Piingi gama isaaniin Chaayinaa fi Raashiyaan hariiroo tarsiimawaa fi faayidaa siyaasaa biyyoota lamaanii eegsisu akkasumas haala kam keessatti iyyuu damdamachuu danda’u qabaachuu ibsuu isaanii Xinhua’n gabaaseera.

Pirezidaantotni lamaan marii isaaniin waa’ee waraana Ameerikaa fi Iraan kan kaasan yoo ta’u, Puutin “Walitti bu’iinsa hin malle akkasumas dhaabbachuu qabu ture” jechuun ammas hatattamaan akka waliigaltee irra ga’an ergaa dabarsuun isaanii ibsameera.

Puutiin illee akkuma Tiraamp namoota daldalaa gurguddoo 40 fi anga’oota isaanii fudhatanii kan Bejingitti imalan yoo ta’u, waliigalteewwan 40 ta’an akka mallatteeffaman eegama.

Biyyootni hariiroowwan diinagdee, siyaasaa fi raayyaa ittisaa tarsiimawaa ta’an waliif mallatteessan kunneen gaheen isaanii addunyaa tasgabbeessuu, nagaa fi badhaadhina waloof hojjachuu malee, faallaa biyya kamiiyyuu akka hin dhaabbanne Pirezidaanti Puutin dubbachuu isaanii Al Jazeera’n gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply