Kantiibaa Adaanech Paarkii Ikkoo Addis tajaajila hunda galeessa hawaasaaf kennu eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Paarkii Ikkoo Addis tajaajila hunda galeessa hawaasaaf kennu eebbisan

AMN PLUS – Caamsaa 13/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Paarkii Ikkoo Addis tajaajila hawaasaaf oolu eebbisuu ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin paarkichi Kutaa Magaalaa Addis Katamaa bakka addaa ‘Askoo Addis Safar’jedhamuun kan beekamuutti lafa kaareemeetira Kuma 30 irra kan buufate daa’immaniif, dargaggootaaf, maanguddootaaf, harka qalleessaafis tahe dureessaaf qixa kan tajaajilu tahuu ibsaniiru.

Paarkiin tajaajila hawaasaaf bifa miidhagaafi hawwataan ijaaramuun eebbifame kun jiraattota naannawichaaf filannoo dabalataa bakka bashannanaa magaalattiin qabdu tahus ibsaniiru.

Kana malees paarkichi of-keessatti fincaa’aa, dirree kubbaa miilaa,bakka taphaa daa’immaanii, Amfii Tiyaatira, Kaafteeriyaa ammayyaa,Suuqiiwwan,bakka dhaabbii konkolaataa, bakkeewwan tajaajila qulqullinaaf oolan kan sadarkaa isaanii eeggataniifi kanneen biroo guuttachuun ibsameera.

Bakki akkasitti misoome kun kannaan dura iddoo balfi itti kuufamu, yakkootni garaagaraa kan itti raawwataman kan ture yoo tahu har’a garuu misoomee akkaataa soora qalbii sammuuf tahuun mijachuun tajaajilaaf banaa tahuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech itti fayyadamaa kunuunsuun akka barbaachiisuus ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply