Jilli nageenya lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaafi Saa’ud Arabiyaa jiraatan tiksu hundaa’era – Ministeera Dhimma Alaa

You are currently viewing Jilli nageenya lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaafi Saa’ud Arabiyaa jiraatan tiksu hundaa’era – Ministeera Dhimma Alaa

AMN PLUS – Caamsaa 13/2018

Itoophiyaan damee dippiloomaasiin hojiilee milkaa’ina qaban hojjechaa turuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministeerichi hojiilee milkaa’oo jedheen jilli nageenya lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaafi Saa’ud Arabiyaa jiraatan tiksu hundaa’era.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa torbee miidiyaaleef kennaniin hojiileen damee dippiloomaaasiin hojjetamaa jiran bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa torbee miidiyaaleef kennaniin Itoophiyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota garaagaraa Idil Addunyaa waliin mariin gamlamee taasifte milkaa’oo akka ture eeraniiru.

Itoophiyaan Ameerikaa waliin waliigaltee waloo faayidaa hunda galeessa qabu akkasuma dhimmoota naannawaafi idil addunyaarratti mari’achuu Ambaasaaddar Nabiyaat himaniiru.

Itoophiyaan hundeeffama waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii sababeeffachuun walitti dhufeenya seena qabeessa Mootummoota Gamtoomanii waliin qabdu karaa dippilomaasiin caalmaatti cimsachuus hubachiisaniiru.

Hojiileen dippiloomaasii lammiilee bu’uureffachuun hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu kan kaasan Ambaasaaddarich nageenya lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaafi Saa’ud Arabiyaa jiraatan tiksuuf jilli hundaa’uu dubbataniiru.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa torbee miidiyaaleef kennaniin haala waliigalaan nageenyi lammiilee Itoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatanii akka eegamu hojjetamaa jiraachuu hubachiisuun Yaa’ii Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota miseensa BRICS cinaatti mariin gamlamee gaggeeffamees hojiilee dippiloomaasii Itoophiyaa caalmaatti cimsuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi daawwannaan pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maairoon Itoophiyaatti taasisaniis marii taasifameen bu’a qabeessa tahuu dabalatee hojiilee gamlamee biyyoota lameeniin hojjetamaniif bu’uura cimaa kaa’uu hubachiisaniiru.

Gabaasni kan Nigusuu Baqaaluuti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply