AMN PLUS – Caamsaa 13/2018
Milkaa’ina filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa gaggeeffamuf qindoominni hawaasaa bu’uura tahuu Hoggantuu Biiroo Bulchiinsaa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsan.
Filannichi adeemsa nagaa qabeessaafi dimokiraataa tahee akka goolabamuuf qindoominnifi hirmaanaa hawaasaa daraan cimuu akka qabu Aadde Liidiyaa himaniiru.
Biirichi yakka ittisuufi to’achuuf akkasumas adeemsi filannoo nagaa qabeessa akka ta’uf gaheen hawaasaa maal ta’u akka qabu kutaalee magaalotaa Finfinnee 11 irraa kan walitti baba’aan waliin mari’ateera.
Hojiileen misoomaa magaalattii keessatti hojjetama jiran miidhagina magaalaa dabaluun cinaatti hawaasas fayyadama taasisaa jiraachuu kan ibsan Aadde Liidiyaan kunis qindoomina mootummaafi uummataa akkasumas waliin jireenya hawaasummaa jiraattota magaalattii cimsuu keessatti shoora taphate qabaachuu hubachiisaniiru.

Maqaa gaarii magaalaa Finfinnee caalmaatti cimsuufis tahe akka biyyaatti hojiin milkaa’aan akka hojjetamuuf filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeeffamuf jedhu galma geessisuu keessatti qindoominniifi hirmaanaan hawaasaa daran cimuu akka qabus Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa dhaamaniru.
Gabaasni kan Dirribaa Yaadataati