Finfinneen damee barnootaafi fayyaatiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jirti – Obbo Jaanxiraar Abbaay

You are currently viewing Finfinneen damee barnootaafi fayyaatiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jirti – Obbo Jaanxiraar Abbaay

AMN PLUS – Caamsaa 14/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota muraasa darban keessatti damee barnootaafi fayyaatiin jijjiirama guddaa agarsiisuu Kantiibaa Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.

Obbo Jaanxiraar pirojektoota garaagaraa Kutaa Magaalaa Qirqoositti ijaaraman wayita eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisan ergaa dabarsaniin waggoota shanan darbanitti hojii milkaa’ina qabu boqonnaa tokko malee akka hojjetaman kaasaniiru.

Keessattuu damee barnootaarratti hojiilee bal’aa hojjetameen daa’imman umurii isaanii jalqabaa irraa eegalee sammuu qaroo qabaatanii guddachuun hawaasaaf bu’aa guddaa kan qabu ta’uus ibsaniiru.

Damee fayyaa irrattis, hojiiwwan magaalaa keessatti hojjetaman manneen yaalaa babal’isuu caalaa hospitaaloonni sadarkaa isaanii eeggatanii akka hojjetaniif gumaachi isaanii olaanaa ta’uus eeraniiru.

Hoji Raawwachiisaan Olaanaa Kutaa Magaalaa Qirqoos Misikkir Nagaash (PhD) gama isaaniitiin pirojektoonni garaagaraa 8 Aanaalee adda addaa Kutaa Magaalichaa keessatti ijaaramuun eebbifaman baasii birrii Miliyoona 420 oliin kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Jiraattotni Kutaa Magaalaa Qiqoos pirojektootni har’a eebbifaman rakkoo hawaasaa kan hiikaniifi gaaffii uummataas kan deebisan ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply