AMN PLUS – Caamsaa 14/2018
Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun bu’uura seeraa irratti dogoggora kan qabuufi seera idil-addunyaa kan hin hordofne ta’uu gorsaafi ogeessi seeraa Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo Obbo Darajjee Alamuu turtii AMN waliin taasisaniin himan.
Obbo Darajjeen akka jedhanitti, yeroo Eertiraan Itoophiyaa irraa adda baatu ulaa galaanaa fi qabeenya mootummaa Itoophiyaa keessaa kan ta’e fudhattee deemuun sirrii hin turre.

Gama biroon Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Kafanaa Ifaa (PhD) gaaffiin ulaa galaanaa argaachuu seenaanis tahe seeraan fudhatama kan qabu, Itoophiyaan waggoota dheeraaf karaa hin malleen galaana diimaarraa fagaattee kan turte gara qe’ee ishee ganamaatti deebi’uu waan qabduuf hojiin dippiloomaasiifi bu’uura seeraa hordofe cimee akka itti deemamuu qabu ibsaniiru.

Qaamni mootummaa of danda’e yeroo mootummaa irraa adda ba’u, waan bulchiinsa isaa jalatti argamu qofa fudhata malee, mootummaa irraa qabeenya mootummaa waliigalaa fudhatee deemuu akka hin dandeenye eeraniiru.
Dabalataanis, yeroo mootummaa ce’umsaatti ulaan galaanaa dabarfamee kenname yaadni jedhu bu’uura seeraa akka hin qabne himaniiru.
Mootummaan yeroo sanaa mootummaa bakka bu’ummaa uummataa qabu akka hin taane kaasuun, mootummaa bakka bu’ummaa uummataa guutuu hin qabne ammoo murtii yeroo dheeraaf hojii irra turu kennuu akka seera idil-addunyaatti fudhatama akka hin qabne kaasaniiru.
Kanaafuu, qaamni ulaa galaanaa Itoophiyaa dhabsiise aangoo mootummaa guutuu seeraan eeyyamame akka hin qabne himuun, gaaffiin Itoophiyaan ulaa galaanaa irratti kaasaa jirtu seera Idil-addunyaatiin fudhatama qabaachuu ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin