AMN PLUS – Caamsaa 14/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Giddu Galli Gabaa Lammii ulfaatina jireenyaa hir’isuufi fayyadamummaa jiraattottaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan bahatu ta’uu ibsaniiru.
Kantiibaan Adaanech sirna gabaa ammayyeessuuf hojiiwwan hedduu hojjatamuu kan kaasan yoo ta’u, Giddu Galli Gabaa Hunda Galeessaa Lammii 7ffaa ta’uun kaleessa eebbifamee tajaajila eegale komii fi gaaffilee hawaasaa furuuf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Giddu galli gabaa kun shamattootaa fi oomishtoota kallattiin kan walitti fidu yoo ta’u qaamolee hawaasaa hundumaa fayyadamoo taasisuu akka danda’u ibsaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf mootummaan giddu galoota gabaa kanneeniif deggersa birrii Miliyoona 200 caalu taasisuu eeruun oomishtootni gatii gabaa idilee irra jiru irraa hir’isa % 15 haga % 20 taasisuun akka gurguran qajeelfamni taa’uu hubachiisaniru.
Haaluma kanaan oomishni giddu seentummaa faddaalaafi kaffaltii keellaa dabalataa tokko malee kallattumaan oomishtoota irraa gabaatti dhiyaachuu kaasaniiru.

Magaalaa Finfinneetti qaala’insa jireenyaa hir’isuuf waggaatti waliigalaan baajatni birrii Biliyoona 18 ta’u tajaajiloota deggersaa garaagaraa kanneen akka Tajaajila Fayyaa Hawaasaa, Warshaa Daabboo, geejjibaafi kannen birood ramadamuu Kantiibaan Adaanech ibsaniiru.
Dabalataanis qaamolee hawaasaa humna hin qabnee fi maanguddoota yeroo dargaggummaa isaanii biyya tajaajilaniifi gara giddu galoota kanaa dhufanii tajaajilamuu hin dandeenye deggeruuf giddu galootni soorataa 29 hojiitti seenuu yaadachiisaniiru.
Mootummaan waadaa hin dhugoomsine uummataaf hin seenu kan jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jiraattotnis giddu galoota kanneen akka qabeenya isaaniitti kunuunsuun akka itti fayyadaman dhaamaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin