Adeemsa marii biyyaalessaa haga ammaatti taasifameen gaheen dhaabbilee amantaa fi waldaalee siiviilii olaanaa ta’uu ibsame

You are currently viewing Adeemsa marii biyyaalessaa haga ammaatti taasifameen gaheen dhaabbilee amantaa fi waldaalee siiviilii olaanaa ta’uu ibsame

‎AMN PLUS – Caamsaa 14/2018

‎Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviiliif dhiyeesseera.

‎Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana, adeemsa marii biyyaalessaa haga ammaatti taasifameen gaheen dhaabbilee amantaa fi waldaalee siiviilii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

‎Piroofeesar Masfin hojiin ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa irratti dhiyaatan dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviilii waliin mirkaneessuu amanamummaa marichaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Komishinichi boqonnaa ajandaa bocuu, qindeessuufi cimsuu irratti akka argamu eeranii, hojii ajandaalee yaa’ii marii biyyaalessaa irratti dhiyaatan qaamolee qooda fudhattootaa waliin mirkaneessuu hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

‎Komishinichi ajandaa boce dhaabbilee amantaafi waldaalee siiviiliif dhiyeessuun galtee walitti qabaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Pireezidaantii Itti aanaan Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Ahimad Huseen gama isaaniin, hojiin ajandaa mirkaneessuu tarkaanfii guddaa mariiwwan itti aananiif bu’uura kaa’u ta’uu hubachiisaniiru.

‎Ajandaaleen filataman gaaffiiwwan lammiilee irratti kan hundaa’an ta’uu kaasanii, gaaffiiwwan dubartootaa, dargaggootaafi qaama miidhamtootaa dabalatee gaaffii hawaasaa hundaa akka deebisu ibsuu isaanii odeeffannoon Komishinicha irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply