Dargaggoon haa filatu, Itoophiyaan cimtee haa dhaabattu – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Dargaggoon haa filatu, Itoophiyaan cimtee haa dhaabattu – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Caamsaa 15/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ganama kana dargaggoota magaalattii waliin tahuun duula filannoo gaggeessuu ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin darbaniin mata duree ‘Dargaggoon haa filatu, Itoophiyaan cimtee haa dhaabattu’ jedhuun dargaggoota guutuu magaalaa Finfinnee bifa hirmaachiiseen ashaaraa badhaadhinaa kan tahee Paarkii Indaastirii Galaan Gurraatti duula filannoo gaggeessuu ibsaniiru.

Fayyadamummaa dargaggootaa rakkina haasa’uun osoo hin taane aadaa hojii 24/7’n waadaa gochaan agarsiisaa hojjennee rakkoof furmaata kaa’uun tahuu qabaa kan ibsan Kantiibaa Adaanech kanaafis Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa waa maraaf agarsiiftuu taheetti argamuun dargaggoota lakkoofsaan Kuma 70 caalan waliin sochii qaamaan dabaallee duula filannoo gaggeessanirra jedhaniiru.

Waggoota shanan darban hojiileen hojjenne badhaadhinni Itoophiyaa kan hin oolle tahuu dhugoomaa jiruu kan kaasan Aadde Adaanech hundaa ol ammoo biyyi guddachaa jirtu kan dargaggootaa tahuun biyya badhaaterraa fayyadamoo akka tahan hubachiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech itti dabaluun dargaggootni magaalaa keenyaa galaa mul’ata gara fuulduraafi ashaaraa paartii keenyaatis ibsuun dargaggootni kallattii arfaniin argamuun deeggarsa keessan nutti agarsiistaan galamootaa jechuun galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply