Barri keessa jirru bara rakkina haasofnu osoo hin taane bara furmaata barbaaduuti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Barri keessa jirru bara rakkina haasofnu osoo hin taane bara furmaata barbaaduuti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 15/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee barri keessa jirru bara rakkina haasofnu, bara komii tarreessinu osoo hin taane bara furmaata barbaaduuti jedhan.

Qormaatni hedduun tureera kan jedhan Kantiibaa Adaanech qormaata bal’inatti jijjiiruun milkaa’ina galmeessuu garuu itti fufneerra jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanech Abeebee dargaggoota magaalaa Finfinnee lakkoofsaan Kuma 70 caalan waliin tahuun duula filannoo kan gaggeessan yoo tahu saganticharratti ergaa dabarsaniin fayyadamummaan dargaggootaa Itoophiyaa badhaate keessa akka jiru hubachiisaniiru.

Hojii keenya itti fufna kan jedhan Kantiibaa Adaanech hojiin hojjennuu dargaggoota abdii egeree biyyaa tahaniif bu’uura cimaa kan kaa’uudhas jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dargaggoota waliin tahuun Itoophiyaa badhaate ijaaruu itti fufna ergaa jedhu dabarsuun filannoo waliigalaa marsaa 7ffaarratti dargaggootni sirnaan hirmaachuun sagalee isaanii kennuun biyya ijaaruu keessatti qooda isaanii akka bahatanis yaadachiisaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply