AMN PLUS – Caamsaa 15/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hawaasni tajaajila si’ataafi itti quufiinsa qabu akka argatuuf hojjechaa jirra jedhan.
Haalli amma itti deemaa jirru Finfinnee akkuma biyyoota biroo tajaajila ammayyaa’aa hawaasaaf kennituu uumuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee handhura Finfinnee Birbirsa Goorootti giddu gala gabaa Adwaafi teerminaala geejjibaa eebbisuun tajaajilaaf yeroo banaa taasisan ergaa dabarsaniin magaalaa ‘SMART’ kan ammayyoofte deebisnee ijaaruudhaaf yoo dubbannu, kaayyoo yaadame mirkaneessu akka dandeenyu amanneeti jedhan Kantiibaa Adaanech.

Dhugumatti yoo dubbatamu haalota yeroo san ture irraa ka’uun haala kanaan magaalatti deebisanii haaromsuun ni ulfaata jedhamee yaadamus kutannoo qabnuun magaala sadarkaa addunyaatti dorgomuu dandeesse ijaaruun akka danda’ame argaan ijaa ragaa akka ta’es himaniiru.
Bu’uuraaleen misooma duraan haala gaariin osoo hin hojjetamiin magaalaa dukkaneessan har’a saffisaan jijjiiramuun magaalan guutuun sa’aatii 24 ifa argachuun magaala bira akka fakkaattes kaasaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa hawaasaaf tajaajila kennan daandiiwwan babal’an, daandii deemsa miila, daandii biskileetiifi bu’uuraleen misoomaa kanneen biroo baay’een akka hojjetamaniis eeraniiru.

Tajaajilootni magaalaa keessatti kennamanis ammayyaa’oofi kan hunda hirmaachise akka ta’uuf hojiileen baay’een akka hojjetaman Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.
Misoomni garaagaraa magaala Finfinneetti hojjetaman kutaalee hawaasaa hundaaf kan hojjetame ta’uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, iddoowwan tursiisafi tapha daa’immanii, giddu galoonni dargaggoota, kan maanguddootaafi ga’eessotaas wiirtuuleen tajaajilaa bifa ammayyaatiin kan ijaaraman ta’uu eeraniiru.
Bu’uuraleen misooma kunneenis haala qindoomina qabaniin kan hojjetaman qulqulluufi fayyumaa hawaasaf mijataa kan ta’an bal’inaan kan hojjetaman ta’uu isaaniis kaasaniiru.

Magaalaa kaleessa iddoo dhaabbii konkolaata dhabuun konkolaataawwan daandii irra dhaabbachuun imala dhiphisan har’a misooma magaalattii keessatti hojjetameen bakki dhaabbii konkolaataa baay’een ijaaramuun daandiiwwan imalaa qofaaf banaa akka ta’aniis himaniiru.
Kun ammoo daandiiwwan kaleessa konkolaataawwan wal danquun deemsa wal dhowwaa oolan har’a karaan bilisa waan ta’eef namu akka garaa isaa imalaa akka jirus yaadachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootiin