MM Abiyyi Ahimad Warshaa Seeraamikii Giraandiyur eebbisan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Warshaa Seeraamikii Giraandiyur eebbisan

AMN PLUS – Caamsaa 15/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) warshaa Seeraamikaa Giraandiyur eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Qaama imala misooma Indaastirii fi sosochii Itoophiyaan haa oomishtuu kan ta’e warshaan Seeraamikaa Giraandiyur eebbifamuun tajaajila eegaleera jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Ijaarsi warshaalee faayidaa biyyaalessa olaanaa qabanii, Invastaroota idil addunyaa hawwachuun guutuu biyyattiitti cimee itti fufuu kan mirkaneessudha jedhan.

‎Warshaan seeraamikaa Giraandiyur oomishaalee seeraamikaa ulaagaa idil addunyaa guutan kan dhiyeessu yoo ta’u, galteewwan meeshaalee dheedhii warshichaaf oolaan %80 ol biyya keessaa kan dhiyaatan ta’uu ibsan.

Milkaa’inni kun dandeettii Itoophiyaan qabeenya uumamaa fi ga’umsa kennaa ishee fayyadamuu ijaaruu qofa osoo hin taane, hirkattummaa oomishaalee biyya alaa galfaman jalaa bahuuf qabdu sadarkaa olaanaan guddisa jechuun ibsan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply