Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qabeenya biyyaa, agarsiiftuu milkaa’ina Ardiiti – Obbo Tamasgeen

You are currently viewing Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qabeenya biyyaa, agarsiiftuu milkaa’ina Ardiiti – Obbo Tamasgeen

AMN PLUS – Caamsaa 15/2018

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Dhaabbata Adwaati aanee Afrikaanota walitti hidhe tahuu ibsan.

Obbo Tamasgeen sagantaa kabaja hundeeffama waggaa 80ffaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin seenaa Itoophiyaa keessatti dhaabbilee ijaaruufi bu’uuressuun haalli itti milkaa’an hagas mara tahuu baatus, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa saffiisaafi qulqullina mallattoo guddina isaa taasifachuun qabeenya biyyaa, agarsiiftuu milkaa’ina Ardii Afrikaati jedhan.

Biyya bu’uuressuun kan danda’amu dhaabbilee cimsuun tahuu kan kaasan Obbo Tamasgeen biyyi dhaabbbata hin qabne mana utubaa hin qabneen walitti fakkeeffaman eeraniiru.

Itoophiyaan kana hambisuuf ijaarsa dhaabbileef xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti jechuun yaadachiisan.

Daandiin qilleensaa Itoophiyaa hundeeffama isaarraa eegalee milkaa’inota galmeesseen Injifannoo Adwaatti aanee dhaabbata Afrikaanota walitti hidhee fi boonse ta’uus kaasaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa dhaabbatichi fakkeenya milkaa’ina Afrikaa, mallattoo danda’uu Ardichaati jechuun ergaa dabarsan keessatti kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply