AMN PLUS- Caamsaa 17/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Booleetti wiirtuullee ispoortii fi bakka olmaa daa’immanii dhaloota qaamaafi sammuun ijaaru eebbisan.
Wiirtuulee ispoortii 5, bakka tapha daaimmanii 95, manneen kunuunsa daaimmanii (day cares) 6, kaafteeriyaalee, amfiteeyatirii dabalatee bu’uuraalee misoomaa tajaajiloota garaagaraa kennan hedduu tajaajilaaf banaa gooneerra jedhan Aadde Adaanech.
“Keessattuu, Kaappiteen Abarra Lammii birrii miiliyoona 300 ol baasii gochuun lafa kaaree meetira 4,900 irratti istaadiyeemii nuuf ijaaran; dirree kubbaa miilaa, tiraakii fiigichaa, teessoo daawwattootaa gaaddisa qabu, suuqota carraa hojii dargaggootaaf uuman, manneen dhiqannaa fi qulqullinaa, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa meeshaalee kan dabalatedha” jedhan.

Istaadiyeemii Hawaasaa Lammii ijaaranii kan dabarsan Kaappiteen Abarra Lammii maqaa kootiinii fi maqaa bulchiinsa galateeffachuun jiraattonni naannichaa istaadiyeemicha kunuunsaanii akka itti fayyadamtaniis dhaaman.
Hoggantoonni Kutaa magaalichaa hojii boonsaa hojjattaniif galatni isiniif mala jedhaniiru.