AMN PLUS – Caamsaa 17/2018
Kantiibaan Magaaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaalee Magaalaa Kolfee Qaraaniyoofi Eekkaatti manneen jireenyaa ijaaraman 150 eebbisuun harka qalleeyyiif dabarsuu ibsan.
Aadde Adaanech Qe’ee gaarummaatti kan ijaarsisan gamoo abbaa darbii shanii 4 Kolfee Qaraaniyootti manneen 72, Eekkatti manneen 78, walumaagalatti manneen jireenyaa 150 harka qalleeyyii akkasumas kanneen rakkoo hawaasummaaf saaxilamaniif dabarsuu ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech manneen harka qalleeyyiif dabarfaman kunniin qulqullina dabalatee bakka tursiisa daa’immanii, bakka tapha ijoollee, dirree ispoortii guddattoota tajaajilu, suuqiiwwan waldaaleen shamattoota gatii madaalawaan jiraattotaaf oomisha itti dhiyeessan akkasumas haqa hawaasummaa kan mirkaneessullee tahuu hubachiisaniiru.

Aadde Adaanech pirojektootni Qe’ee Gaarummaatti ijaaramuun jiraattotaaf dabarfaman kunniin saffisaafi qulqullinaan akka xumuraman hoggantootniifi ogeeyyiin shoora keessan bahattan akkasumas kanneen qabeenya qabdan irraa qooduun ashaaraa keessan keessa keewwattan galatoomaa jedhaniiru.