AMN PLUS- Caamsaa 17/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ogeeyyii fayyaa Ruwaandaa leenjii Ogummaa Fayyaa irratti hirmaataa jiran 128 waliin maaddii qooddachuu himan.
Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Itoophiyaatti Leenjii damee fayyaa addaa ogeeyyi fayyaa Afriikaa 400’f kennamaa jiru keessaa ogeeyyi Ruwaandaa 128 waliin wal arguun maaddii qooddadheera” jedhan.
Ogeeyyiin kunneen carraa egeree damee fayyaa ardii Afriikaaf beekumsa olaanaa fi ga’umsa wayyaa’aa guuttachuuf tattaafachaa akka jiran eeran.
Fuuldurattis ijoolleen Afriikaa gahee adda durummaa damee fayyaan akka qabaataniif qaama dhaabbilee ijaaramaa jiranii ta’uullee ibsan.
Beekumsaafi galma waloo qabaachuun Afriikaa fayyaalettii ijaaruu itti fufna jechuun ergaa dabarsaniiru.