
AMN PLUS- Caamsaa 17/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Guyyaa Afriikaa ilaalchisee obboloota Afriikaaf ergaa baga geessanii dabarsan.
Dooktar Abiyyi ergaa isaaniin “Waggoota 63 dura, abbootiin keenya asuma Finfinneetti walitti qabamuun Afrikaa bilisa fi tokkoomte abjuwachuuf ija jabaatan; abjuun sun ammoo har’as akkuma ifee laboobetti jira” jedhaniiru.
Har’a, Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun, miira tokkummaa kanaan biyyoota Afrikaa hundaa wajjin dhaabbattee jiraachuu himan.
“Hojiin keenya ammallee hin xumuramne. Jecha irraa gara gochaatti, waadaa irraa gara guddinaatti haa ceenu” jedhaniiru.
Qabeenyi guddaan Afrikaa yoomiyyuu ummata ishee ti; walbira dhaabbachuun, olbaanee mul’anna jechuun ergaasaanii dabarsaniiru.