
AMN PLUS – Caamsaa 17/2018
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee caasaaleen nageenyaa magaalattii sadarkaan jiran dirqama isaanii bahachuuf qophii tahuu ibseera.
Biirichi caasaalee nageenyaa magaalattii sadarkaan jiran waliin qophii duraa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa guyyoota muraasa booda gaggeeffamu irratti mari’achaa jira.
Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa hojiin Finfinnee naga qabeettii taasisuuf hojjetame bu’aa qabatamaa buusaa jiraachuu ibsuun kunis magaalattin fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf shoora olaanaa taphachuu kaasaniiru.
Magaalattiin hawaasa abbaa nageenyaa taasisuun qindoomina jiraattotaafi caasaalee nageenyaa gidduutti uumameen hangi yakkaa 47% hir’achuu kan ibsan Aadde Liidiyaan kanas caalmaan cimsuuf caasaaleen nageenyaa qindoomina hawaasaa naannawaa waliin qaban cimsan akka itti fufan hubachiisaniiru.

Dabalataanis Aadde Liidiyaan filannoon ijaarsa dimokiraasii akka biyyaatti eegalame milkeessuu cinaatti nageenya waaressuu keessaatti hiikoo guddaa waan qabuuf, caasaaleen nageenyaa imala akka biyyaatti eegalame yaada keessa galchuun nageenyummaa filannoos tiksuun filannichi haqa qabeessaafi diimokiraatawaa akka ta’uuf kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Gabaasni kan Sisaay Dirribaati