
AMN PLUS – Caamsaa 17/2018
Tootenhaam bara wal-dorgommii 2025/26 qormaata hamaa keessa ture. Kilabni duraan pirimeerliigii Ingilaandi keessatti morkataa cimaa tahuun beekamu barana keessummaa tahuun waan hunduu itti jabaate hanga daqiiqaa dhumaatti falmachuun ala liigicha keessa turu amanaa hin turre.
Haata’uti leenjisaan kilabichaa Robeertoo Dee Zarbiin amma waan hunduu darbee Tootinaam liigicha keessa turuu mirkaneeffateeraan dubbachuun ammoo yeroo mara dogoggora isaa kanarraa barachuu malee dagachuu hin qabuun ergaa gudunfeera.

Leenjistoota hedduu jijjiiree hanga daqiiqaa dhumaatti cichoominaan hojjetee baraaramuu isaa kan mirkaneeffate Tootinaam dubbiin waggoota 49 dura beeku deebi’ee isa qabachuuf akka ture xiinxalameera.
Carraan liigicha keessaa gara shaampiyoonshippiitti gadi bu’uu isa mudachuuf ture Jaa’oo Paaliniyoon daqiiqaa 43ffaarratti galchii lakkoofsiseen kan oole Tootenhaam akka yaada leenjisaa kilabichaa Robeertoo Dee Zarbiitti kana boodde taateen akka kanaa, muddamni hamaa kilabichi keessa ture itti hin deebi’uudha.

Ammoo kun akka hin deebineef cimaan hojjechuu barbaadaa kan ibse Robeertoo Dee Zarbiin barri wal dorgommii 2026/27 Tootinaamiif bara boqonnaa haaraa akka tahuu amantaa qabaachuus ibseera.
Barana waggaa guutuu qormaata keessa turu cinaatti ollaan isaanii Arseenaal shaampiyoonaa tahuuniifi kilabni isaanii zoonii balaawaa keessa bubbuluun guyyaa dhumaatti baraaramuun kan qormaata lama isaaniitti tahe deeggartootni Tootinaam xumura pirimeerliigii Ingilaandi bara 2025/26’tti afuura dheeraa baafachuun ol jedhan deemuuf carraa argachuun isaaniif akka shaampiyoonummaatti qabameera.
Iddoosaa Abdiitiin