AMN PLUS – Caamsaa 17/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) sababeeffachuun hanqinni oomishaa akka hin mudanneefi gabaan tasgabbaawaan akka jiraatuu qophiin gahaan taasifamuu ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa Miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin hordoftoota amantaa islaamaan yeroo 1447ffaaf kan kabajamu ayyaana Iid Al-Adahaa (arafaa) sababeeffachuun bulchiinsi magaalaa Finfinnee jiraattotni haala rakkisaa keessa jiran ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif meeshaalee bu’uuraa fi oomishaalee gatii madaalawaa fi gahaan akka dhiyaatuuf qophii guddaa godheera jedhan.

Keessumaa magaalichatti kan argaman giddu galootni gurgurtaa oomishaalee 7’nuu oomisha midhaanii fi midhaan dheedhii, kuduraa fi muduraa baay’inaafi gatii madaalawaan akka dhiyeessan ibsaniiru.
Shamattoonni haala salphaan bakka isaanitti dhiyoo jiru bitachuu akka danda’aniif bakkeewwan hundatti kan argaman gabaa sanbataa fi dilbataa 250 hanga jala bultii ayyaanichaatti banaa taasifamu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Suuqiiwwan waldaalee hojii gamtaa 2,052 ta’anii fi karaa mana kuusaa dhaabbilee hojii daldalaa magaalaa Finfinnee oomishaalee bu’uuraa Zayitii fi daakuu gahaan akka galu ta’eera jechuun ibsaniiru

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa dabarsaniin jiraattotni magaalaa Finfinnee filannoowwan gabaa dhiyeenya isaaniitti argamanitti dhimma bahuun fayyadamuu akka danda’an hubachiisaniiru.