Lammiilee keenya gargaaramtummaarraa gara ofiin oomishuutti ceesisaa jirra – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Lammiilee keenya gargaaramtummaarraa gara ofiin oomishuutti ceesisaa jirra – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Caamsaa 17/2108

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee tajaajilamtoota giddu gala soorataa Tasfaa Birhaan kan turan jiraattota 400’f ka’umsa kaappitaalaafi meeshaalee ittin hojjetan of-jijjiiruu danda’an deeggarsa taasisuu ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin darbasaniin lammiilee keenya gargaaramtummaarraa gara ofiin oomishuutti ceesisaa jirra jedhaniiru.

Kunis karra saaqameefitti dhimma bahuun carraa hojii akka babal’ifatan tahuus hubachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee nyaatanii buluuf hin qabne nyaachiisuurraa gara carraa hojii uumuufin akka of-danda’anii jireenya isaanii itti fufsiisan taasisaa jiraachuus Aadde Adaanech eeraniiru.

Giddu galootni soorataa Tasfaa Birhaan lammiilee soorachiisuurraa kan darbe gama carraawwan hojii adda baasuun hojiitti galchuunis hojjechaa jiraachuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech karoorri qabame kun cimee akka itti fufus ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply