AMN PLUS – Caamsaa 18/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Wiirtuu Tajaajila Dijitaalaa Addis Masoob 7ffaan xumuramuun hojii eegaluu himan.
Wiirtuu Tajaajila Dijitaalaa A-Masoob 7ffaa Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti hojii eegaluu kan ibsan Aadde Adaanech barootaaf kenna tajaajilaa komii kaasaa ture bu’uurarraa furuuf karoora saffisaafi qulqullina jedhuun gamoo abbaa darbii 6 tajaajilichaaf banaa taasisuu ibsaniiru.
Tajaajilli kennamu saffisaafi itti quufiinsa akka qabaatuuf kan gargaaruu tahuus kan hubachiisan Kantiibaa Adaanech mootummaan kenna tajaajilaa fooyya’aa lammileef kennuuf hakaniifi guyyaa kutannoon hojjechaa jira jedhaniiru.
Uummatni gara wiirtuulee tajaajila dijitaalaa deemee tajaajila si’ataa argachuun cinaatti tajaajilli masoob socho’aa caalmaatti uummatatti akka dhiyaatu tahus ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waadaa gochaan agarsisuu akkasumas badhaadhina yaadnu dhugoomsuuf hojiin wal fakkaataan akka itti fufu ibsuun jiraattotni Finfinnee kottaa wiirtuulee tajaajila dijitaalaa isinitti dhiyoo jirutti fayyadaa jechuun waamicha dhiyeessaniiru.