Sagalee keessaniin alaa karaa kaminiyyuu aangoo qabaachuu hin dandeenyu – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 18/2018

Aangoorra turree misooma hunda galeessa itti fufsiisuu kan dandeenyuu sagalee uummataafi uummataan qofa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech hiriira deeggarsaafi duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Finfinnee Doloolloo Buddeenaatti gaggeeffameerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Aadde Adaanech ergaa isaaniin taayitaan filannoon malee humnaan akka hin jirre nutis uummatni keenyas sirriitti beekaa hubachiisuun aangoo itti fufsiisuus jijjiiruus kan danda’u sagalee uummatni filannoo irratti kennu qofa tahuu kutaalee hawaasaa hiriira deeggarsaafi duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaarratti argamaniif ibsaniiru.

Paartii Badhaadhinaas tahe paartileen morkattootaa biroo filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24 gaggeeffamuuf dorgomaa jiran yaada siyaasaafi maanifeestoo isaanii kallattii garaagaraan lammiilee biyyattii biraan gahaa turuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech Abeebee Paartiin uummatni sagalee isaa kennuun filate qofti filannicha injifachuun carraa biyya gaggeessuu akka itti fufu dubbataniiru.

Waggoota shanan filannoo marsaa 6ffaa darban sagalee uummataan aangoo argannee hojiilee hedduu hojjennerra kan jedhan Aadde Adaanech ammas uummatni carraa yoo nuuf kenne kan hojjetamerra dachaa hedduun hojjennee lammiilee biyyatti fayyadamtootaa taasisuuf kutannoos gahumsas qabna jechuun ejjennoo Paartii Badhaadhinaa ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hojiileen misoomaa akka magaalaa Finfinneetti hojjetaman tumsa jiraattota magaalattiin ala as hin gahan turaniin yaadachiisuun ammas yeroo qabnutti imala waadaa gochaan agarsiisuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuu kutannoon itti fufna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Aadde Adaanech kutaalee hawaasaa ganamaan bahuun deeggarsa qaban agarsiisaniifis galata qaban dhiyeessaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply