Itiyoo Teeleekoom gurgurtaa aksiyoonaan abbootiin aksiyoonaa Kuma 45 abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta’uu ifoomse

You are currently viewing Itiyoo Teeleekoom gurgurtaa aksiyoonaan abbootiin aksiyoonaa Kuma 45 abbaa qabeenyaa dhaabbatichaa ta’uu ifoomse

AMN PLUS – Caamsaa 18/2018

Dhaabbata misoomaa mootummaa irraa gara waldaa aksiyoonaatti kan ce’e Itiyoo Teeleekoom gurgurtaa aksiyoonaa % 10 gaggeesse irratti namootni kuma 47fi 377 hirmaachuu ibseera.

Sirna adeemsa gurgurtaa aksiyoona dhaabbatichaa ifoomsuurratti kan argaman Hoji Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu aksiyoonni Miliyoona 10 fi Kuma 700 Birrii Biliyoona 3 fi Miliyoona 200’tti gurguramuu dubbataniiru.

Aksiyoona gurgurame keessaa bittaan namoota Kuma 45 mirkanaa’uu kan dubbatan Firehiwoot, kanaanis aksiyoonni Miliyoona 10 fi Kuma 100 kan Birrii Biliyoona 3’n bitameen abbaan qabeenyummaa dhaabbatichaa abbootii aksiyoonaaf mirkanaa’uu ifoomsaniiru.

Kanneen abbaan qabeenyummaa isaanii hin mirkanaa’in keessaa bitattootni aksiyoonaa 1646 waraqaa eenyummaa biyyaalessaa ‘Faayidaa’ kan hin dhiyeessineefi namootni 248 lammummaa Itoophiyaa kan hinqabne ta’uus waltajjicharratti dubbataniiru.

Abbootiin aksiyoonaa qooda isaanii gurguruufi dabarsuu kan danda’an ta’uunis waltajjicharratti himameera.

Yaa’iin waliigalaa abbootii aksiyoonaa Itiyoo telekoom jalqabaas bara 2019 baatii Fulbaanaa keessa kan waamamu ta’uu Hoji Raawwachiistuu Olaantuun Dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu himaniiru.

Gabaasni kan Bulchaa Nagaraati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply