Buufataalee filannoo yeroo galmee filannootti ‘gochoota seeraan alaa raawwatanitti’ galmeen guutummaatti haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise

You are currently viewing Buufataalee filannoo yeroo galmee filannootti ‘gochoota seeraan alaa raawwatanitti’ galmeen guutummaatti haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise

AMN PLUS – Caamsaa 18/2018

Yeroo Galmee Filattootaa tureetti buufataalee filannoo “gochootni seeraan alaa itti raawwatamanitti” galmeen guutummaatti haqamuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.

Walitti Qabduun Boordichaa Aadde Meelaatwarqi Haayiluu hojiiwwan filannoon duraa fi guyyaa filannoo ilaalchisee ibsa kan kennaniin buufataalee filannoo gochootni seeraan alaa itti raawwatamanitti, filattootni guyyaa filannootti galmee raawwachaa achumaan akka sagalee kennan kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e bakkeewwan galmeen filattotaa idilee itti hin gaggeeffamin keessatti galmeen filattotaa akka raawwatames ibsameera.

‎Galmeen filattotaa Guraandhala 28/2018 hanga walakkeessa baatii Eblaatti gaggeeffamee raawwatamus Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yaadachiisera.

Gabaasni kan Kaasaahun Andu’aalam

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply