
AMN PLUS – Caamsaa 18/2018
Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Shee Muhammad Shariif hawaasni muslimaa ayyaanaa Iid Al-Adahaa (Arafaa) wal gargaaruufi waliif yaaduun akka kabaju ibsan.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) 1447ffaa boru kabajamu ilaalchisee ibsa kenneera.
Ibsa kennaniin Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Shee Muhammad Shariif hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Arafaa waggaa 1447ffaan nagaan geessan jedhaniiru.
Waan addaa ayyaana Iid Al-Adahaa wal gargaaruufi waan qabanirraa waliif qooduudha kan jedhan pirezidaantichi, musliimotni yeroo ayyaana kana kabajan akkuma ofii isaanii obboleewwan naannawaa isaanii jiraniifis yaaduu akka qaban dubbataniiru.
Keessattuu lammiilee humna hin qabne gargaaruun tokkummaa hawaasummaa qabatamaan agarsiisu akka qaban ibsaniiru.
Hawaasni muslimaa yeroo ayyaanaa kana wal gargaaruufi waliif yaaduun ayyaanicha kabajuu akka qaban dhaamuu isaanii ENA’n gabaasera.