Gareen Taajjabdoota Filannoo IGAD Qooda Fudhattoota Waliin Mari’ate

AMN PLUS – Caamsaa 21/2018

Filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 Bara 2018 Itoophiyaatti gaggeeffamu ilaalchisee, Hooggantuun Garee Taajjabdoota Filannoo IGAD Dr. Ispeeshiyoosaa Waandiiraa Kaziibuween durfaman raawwachiiftota filannoo fi qooda fudhattoota hawaasa siivilii waliin marii taasisaniiru.

Waltajjiiwwan marii kanneen irratti, hoogganoonni fi bakka bu’onni Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa, Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaa fi Gamtaa Dhaabbata Mirgoota Namummaa Itoophiyaa hirmaataniiru.

Mariin Dr. Ispeeshiyoosaa Walitti Qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelatwarq Haayiluu waliin taasisan, qophii filannoo, haala tasgabbii guyyaa filannichaa, akkaataa furmaatilee komii, akkasumas adeemsa kenniinsa sagalee fi bu’aa irratti kan xiyyeeffate ture.

Waltajjicharratti, Boordichi aplikeeshinii dijiitaalaa “Mircaayee” jedhamu kan galmeessa filattootaa fi kaadhimamtootaa ittiin raawwate ilaalchisee ibsi kennameera. Hirmannaa dubartootaa dabaluu fi miidhaalee dubartoota irratti qaqqaban ittisuuf carraaqqiiwwan taasifamaa jiranis yeroo marii kanatti ibsamaniiru.

Mariin gareen taajjabdootaa Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaa waliin taasise, shoora dubartoonni bulchiinsa gaarii fi adeemsa siyaasaa keessatti qaban irratti xiyyeeffannoo uumeera.

Kanaanis, Federeeshinichi carraaqqii ijaarsa nagaa fi adeemsa marii biyyaalessaa irratti taasisaa jiru ibsuun, guutuu Itoophiyaatti dubartoota taajjabdoota leenji’an kuma 10 ol bobbasee akka jiru ergama taajjabdootaa kanaaf beeksiseera.

Turtii Gamtaa Dhaabbata Mirgoota Namummaa Itoophiyaa waliin taasifameenis, waa’ee qophii dursaa, bobbaa taajjabdootaa, akkasumas adeemsi filannoo nagaa, amanamaa, ifa fi hammataa ta’e akka jiraatuuf qooda fudhattoota gidduutti tumsa cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu irratti marii bal’aan taasifameera.

Mariwwan kunneen, Itoophiyaa keessatti adeemsi filannoo dimokraatawaa fi amanamaan akka jiraatu deeggaruuf IGAD qooda fudhattoota waliin qunnamtii bal’aa taasisaa jiru keessaa tokko ta’uun ibsameera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply