AMN PLUS – Caamsaa 21/2018
Naannolee Gaambeellaafi Harariitti meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jiraachuu isaanii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.
Seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti filattootni hedduun kaardii filannoo isaanii kan itti argatan, filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan Wiixata dhufu Caamsaa 24/2018 gaggeeffama.
Filannoo kanaaf qophiin guutuun gama hundaan taasifamee, meeshaaleen filannoo gara buufatalee filannoo kutaalee biyyattiitti geejjibsiifamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.