
AMN PLUS – Caamsaa 21/2018
Shakkamtootni uffata namaatti dhangala’aa naquun waan qulqulleessaniif fakkaachuun saaman to’atamuu Poolisiin Finfinnee ibseera.
Shakkamtootni kunneen Naatnaa’el Heenokiifi Birhaan Tasfaayee kan jedhaman yoo ta’an Caamsaa 19/2018 konkolaataa Suzukii Diizaayarii lakkoofsa gabatee 3C-06552AA fayyadamuun namoota saamaa turuun isaanii ibsameera.
Shakkamtootni lameen ta’e jedhanii uffata namaarratti dhangala’aa naquun akka waan osoo hin beekiin raawwatanii tahuun deebi’anii miira gocha isaaniitti gaabban fakkaatu mul’isuun qulqulleessuuf nama hojjetu fakkeessanii namoota saamuu isaanii eeruu argameen hordofuun to’achuu Poolisiin Finfinnee ibseera.

Namootni kunniin miidhamaa dhuunfaa tokkorraa IPHONE 17 PROMAX tilmaama gatii Kuma 200 fi Kuma 6 basuu fudhachuun miliquun miidhamaan dhuunfaa Poolisiif eeruu kenneen hordoffii sa’atii 1 keessatti Poolisiinis erga jara to’atee sakatta’iinsa taasiseen bilbiloota Ismaartii biroo 5 waliin shakkamtoota to’annoo jala oolchuun bilbiloota argee abbootii qabeenyaaf deebisaa jiraachuu Poolisiin Finfinnee ibseera.
Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee hawaasni gochoota waliin dhahiinsaan hawaasni akka hin sossobamne yeroo mara dammaqaa tahuu akka qabu ibsuu Odeeffannoo AMN’f ergeen ibseera.