AMN PLUS – Caamsaa 21/2018
Maanchistar Siitiin tarii waan irra hin deebi’amne kan hojjeteef leenjisaa isaa kabajaan gaggeessera.
Leenjisaan umriin waggaa 55, turtii waggoota 10 kilabicha waliin dabarsaniin waancaa hedduu mo’achuun seenaa addaa barreessaniiru.
Dorgommiiwwan hedduu mo’achuun kan beekaman Peep Gaardiyollaan yeroo kilaba Maanchistar Siitii leenjisaa turanitti hojiiwwan yeroo hunda yaadataman hojjetaniiru.
Dhaabbanni odeeffannoo istaatistiksii kubbaa miilaa Optaan akka xiinxaleetti Peep turtii isaanii keessatti lakkoofsota hojii isaanii ibsan keessaa muraasa dhiyeesseera.

Waancaa 20
Peep Gaardiyollaan turtii isaaniin waancaa 20 mo’achuun umrii leenjisummaa Siitii waliin dabarsan keessatti ashaaraa addaa ol kaa’aniiru.Waancaawwan kanneen keessaa waancaan 6 kan Pirimeerliigiiti.
Seenaa Pirimeerliigii Ingilaandi keessatti Peep caalaa waancaa liigichaa 13 kan injifatan Sir Aleeksi Ferguseen qofadha.
Peep Gaardiyollaan waancaa pirimeerliigii Ingilaandi 6 injifatan keessaa 4 walitti aansuun injifachuun dorgomaa hin qaban. Isaan nama jalqabaati jechuudha. Ammoo waggoota lameen xumuraa Maanchistar Siitii waliin dabarsan waancaa pirimeerliigii Ingilaandi injifachuu hin dandeenye.
Kunis erga bara 2008 yeroo Baarseloonaa leenjisanii as yeroo jalqabaaf waggoota lama walitti aansanii waancaa malee xumuruu agarsiisa.
Taphoota 593 Dursan
Tapha isaanii xumuraa Astoon Viillaa waliin taasiisuun galchii 2 fi 1’n kan injifataman Peep walumaagalatti taphoota 593 Siitii dursan keessaa 416 injifachuun dhibbeentaa tapha mo’achuu 70.2 qabu.Kunis leenjisaa kamirrayyuu qabxii injifannoo fooyya’aa akka qaban agarsiisa.
Carraa kana hundaan leenjistoota 159 faallaa hiriiruun kan morkatan keessaa Peep 142 olaantummaan xumuraniiru.
Leejistoota yeroo tokkoo ol morkachuun Peep osoo hin mo’atiin hafan keessaa Roonaaldi Koomaan, Alvaaroo Arbee’olaa, Faabiyaan Herzileer fi Biruunoo Jeeneesihoodha.
Leenjistoota taphoota pirimeerliigii Ingilaandi 20 ol dursan keessaa qabxii giddu galeessaa 2.28 galmeessuun Peep olaantummaa qabu.
Peep Gaardiyollaa liigichaan taphoota 380 dursuun 269 injifannoon bahuunis maqaa qabu. Giddu galeessaan qabxiin tapha tokko irratti qaban 2.28 yoo tahuu kunis Sir Aleeksi Ferguseen nama liigicha keessa bubbuluun giddu galeessaan tapharratti qabxii 2.16 qaban caalan akka argaman isaan taasiseera.
Seenaa pirimeerliigii Ingilaandi keessatti qabxii 100 galmeessuun waancaa fudhachuun barri waldorgommii 2017/18 hanga guyyaa har’aa Peep Gaardiyollaa hin dagatu.
Bara tokkotti galchiiwwan 106 lakkoofsisuun erga liigichi akka haaraatti qindaa’ee 1992 as Peep namni dursuu akka hin jirrees lakkoofsotni dhugoomaniiru.
Peep turtii isaanii Maanchistar Siitii keessatti taphattoota 111 fayyadamuun injifannoowwan kanneen kilabichaaf gudunfaniiru.
Taphattoota kanneen keessaa Peep Gaardiyollaa waliin Maanchistar Siitiitti kan nagaa dhaammate Beernaandoo Siilvaa taphoota 460 irratti hiriiruun filannoo yeroo maraa leenjisichaa tahuu mirkaneessera. Siilvaatti aanee Keeviin Deebriyuunaan taphoota 381irratti hiriiruun isa hordofa.
Taphattoota Peep Gaardiyollaan yeroo mara dursi kennamuuf keessaa garuu karra eegaa kilabichaa duraanii Ederseen Mooraayis yeroo 371 dursi kennamuufin hiriiruun dorgomaa hin qabu.
Yeroo gabaabaa Peep waliin dabarsullee galchiiwwan hedduu 162 lakkoofsisuun kan dursu ammoo Eerliingi Biraawut Haalaandi tahuu lakkoofsotni ibsaniiru. Sarjiyoo Kuun Aguweeroo 124, Raahim Isteerliingi ammoo 120 qabu.
Kubbaawwan galchiif tahan 158 mijeessuun garuu amma Naappooliif kan taphatu Keeviin Deebriyuunaatti kan dhiyaatu hin jiru.Isaatti aanee Beernaandoo Siilvaa kubbaawwan galchiif tahan 75 mijeessera.
Walumaagalatti imalli waggoota 10 Peep Joseef Gaardiyollaa nagaan yoo gudunfamu waancaawwan akaakuu garaagaraa Maanchistar Siitiif ol kaa’uun isaanii yeroo mara Ambaasaaddara kilabichaa tahuun kabajaafi ulfinaan nagaatti jedhamaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin