AMN PLUS – Caamsaa 21/2018
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ajandaawwan qophii duraa dhaabbileefi Waldaalee Hawaasa Siiviikiif dhiyeessuun mariif yaadota galtee ta’an walitti qabachuu ibsameera.
Dhaabbileefi waldaaleen Hawaasa Siiviilii adeemsa marii keessatti gahee murteessaa bahachaa jiraachuu kan ibsan Komishinarri Olaanaa Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aar’ayaa, dhaabbilee kanneen waliin hojjechuun duudhaa hin loogamne kan eegu akka ta’e dubbataniiru.
Piroofeesar Masfin Aar’ayaa adeemsa hojii waggoota afurii Komishinichaa ibsuun hojiilee hanga ammaatti dhaabbileefi waldaalee Hawaasa Siiviikii waliin taasisaniif galateeffachuun yaa’ii marii biyyaalessaa itti aanu keessattis hirmaannaa guddaa jalqaban cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aantuun Komishinara Olaanaa Komishinii Maree Biyyaalessaa Komishinar Hiruut G/Sillaasee ajandaawwan kunneen adeemsa qophii duraa irratti akka argaman himuun , qaamoleen dhimmi ilaallatus yaada isaa bal’inaan kaasuun galteen yaadotaa wal utubuun akka dagaagan ibsaniiru.
Marii kana irratti Waldaa Barsiistota Itoophiyaa, Gamtaa Afooshaalee Itoophiyaa, Federeeshinii Qaama Miidhamtoota Itoophiyaa, ‘Ethiopians for Inclusive Dialogue’, akkasumas ‘Timran’ fi ‘Destiny Ethiopia’ hirmaataniiru.