IGAD namoota filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa ni taajjabuun filate 26 adda baasuun bobbaasuu ibse

AMN PLUS – Caamsaa 22/2018

Dhaabbatni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaatti adeemsifamu akka taajjabaniif namoota 26 bobbaasera.

Daayirektarri Damee Nageenyaafi Tasgabbii IGAD Komaandar Abbabaa Muluneeh ENA’tti akka himanitti adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itoophiyaan adeemsiftu taajjabuuf taajjabdootni biyyoota dhaabbatichaa irraa walitti babba’an 26 bobbaafamaniiru.

Taajjabdootni kunneen ogeeyyii bu’uura danbii ittiin bulmaataa taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaan boordii filannoo biyyoota miseensaafi dhaabbilee hawaasa siiviikii, gurmaa’iinsa dargaggootaafi dubartootaa waliin kallattiin kan hojjetan ta’uu Komaandarichi ibsaniiru.

Milkaa’ina hojichaaf taajjabdoota kanneeniif ogeeyyiifi hoggantoota Boordii Filannoo dabalatee iddoowwan filatamanitti bobbiin taajjabdummaa akka kennamuufis dubbataniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qophii filannoon duraa filannoo waliigalaaf taasiseen ulaagaa taajjabdummaa darbuun galmee gaggeessuun fi waadaa seenuun gara hojiitti galuus Daayirektarri Damee Nageenyaafi Tasgabbii IGAD Komaandar Abbabaa Muluneeh dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply