AMN PLUS- Caamsaa 22/2018
Meeshaaleen filannoof ta’an magaalaa Finfinnee naannoo filannoo Kutaa Maagaalaa Booleetti gara buufataalee filannoo garaa garaatti raabsamaa jira.
Filannoon biyyaaleessaa marsaa 7ffaa gaggeeffamuuf, guyyoota lama qofaan kan hafu yoo ta’u, kanaafis qophii gahaan taasifamaa jira.
Naannoon filannoo Kutaa Magaalaa Boolee lakkoofsa 17 Meeshaalee filannoof ta’an, buufataalee filannoo garaa garaaf raabsamaa jira.
Wangeel Faqqadaatu gabaase