Finfinnee Aqaaqii Qaalliittiitti meeshaaleen filannoo buufataalee 154’tti raabsamaa Jiru

You are currently viewing Finfinnee Aqaaqii Qaalliittiitti meeshaaleen filannoo buufataalee 154’tti raabsamaa Jiru

AMN PLUS – Caamsaa 22/2018

Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalliittiitti meeshaaleen sagalee filannoo kennuuf barbaachisan Nannoo Filannoo 26 fi 27 irraa gara buufataalee filannoo isaan jalatti argamanitti raabsamaa akka jiran ibsameera.

Meeshaaleen Sagaleen filannoo itti kennamu kan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa irraa naannoo filannoo lama lakkoofsa 26 fi 27 Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalliittiitti raabsaman turan amma gara buufataalee filannoo isaan jalatti argamanitti raabsamaa akka jiran ibsameera.

Naannoo Filannoo kana jala buufataaleen filannoo 154 akka jiru Qindeessaan Filannoo Naannoo Kanaa Obbo Fayyisaa Bulchaa AMN PLUS’tti himaniiru.

Buufataalee filannoo hundatti meeshaaleen filannoof barbaachisan hundi har’uma raabsamanii akka xumuramanis dubbataniiru.

Meeshaaleen kunneenis karaa of eeggannoo olaanaa qabuun buufataalee hundatti raabsamaa akka jirus ibsaniiru.

Gabaasni kan Mahaammad Toofiq

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply