
AMN PLUS- Caamsaa 22/ 2018
Filannoo uummata miiliyoona 54 hirmaachisu gaggeeffamuuf Guyyaa Lama qofaatu hafe.
Dhaabbilee Taajjabdoota biyya alaa 2 Finfinnee seenaniiru. Dhaabbileen Biyya Keessaa 55 qophaa’aniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Miidiyaaleen 68 filannoo waliigalaa7ffaa akka gabaasan eeyyama argataniiru jedheera.
Filannicha gaggeessuuf qophiileen barbaachisan xumuramaa jiraachuu ibse.
Boordichi dhaabbilee Hawaasa Siiviilii filannoorratti hubannoo uumaan 169’f eeyyama kennuu dubbatan.
Dhaabbilee miidiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa akka gabaasan eeyyama argatan 68 keessaa 12 miidiyaalee biyyoota alaati.
Buufatni filannoo kumni 52 fi raawwachiiftonni filannoo kumni 359 guyyaa sana tajaajila ni kennu.
Bakka bu’oonni paartilee siyaasaa kumni 250 filannicha ni hordofu.