
AMN PLUS – Caamsaa 22/2018
Yeroo ammaa haalonni xiyyeeffannoo nama hatuufi yaada namaa bittinneessan baay’achaa akka dhufan ibsama.
Addunyaa kana irratti maashinoonni baay’ee walxaxoon kanneen akka “super computer”haala itti fayyadama isaa kan agarsiisu qajeelfama waliin kan argaman.
Haata’u malee garuu maashina kamiyyuu caalaa kan baay’ee haphii fi walxaxaa ta’e sammuu namaa (brain) akka ta’e saayinsiin ni dhugooma.
Maashinii harka namaan hojjetame caalaa sammuun ilma namaa walxaxaa ta’e garuu haala itti fayyadamaa qajelfama akka hin qabne Ogeessi Xiin-sammuu Obbo Naatinaa’el Faantaa turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.

Mana barumsaa keessattis barsiisonni barattootni osoo hin dadhabin xiyyeeffannoo kennuun qalbii isaanii gara tokkotti deeffachuun akka sammuun isaanii hin dadhabne yeroo baay’ee hamilee waan itti horu taasisuu irratti hanqinni akka jirus kaasaniiru.
Addunyaan yeroo ammaa waan yaada namoota bittinneessuu (Deep Unconsciousness) barsiisaa kan jirtu namoonni guyyaa guyyaan wantoota hojiifi kaayyoo isaanii waliin hin deemne yaadaa oolu.
Namni tokko guyyaatti yaadota Kuma 70’tti siqan akka yaadu kan ibsan Ogeessi Xiin-sammuu kun ,itti fayyadamni miidiyaa hawaasaas yaadaa kana daran akka babal’isu himaniiru.
Xiyyeeffannoo kennuu dhabuun rakkoolee hedduu akka fidu kan ibsan Naatinaa’el, sababiin isaa sammuun leenjii irratti xiyyeeffatee hordofu dhabamuu isaa akka ta’e dubbataniiru.
Dandeettiin dhaggeeffachuu gadi bu’uu fi hojii qulqullina qabu hojjechuuf gahumsi hir’achuunis miidhaa xiyyeeffannoo dhabuu keessaa muraasa akka ta’es kaasaniiru.
Rakkoolee kanneenis furuuf barattoota sadarkaa KG hanga Yuunivarsiititti jiraniif leenjiin saayinsaawaa guddina hubannoo sammuu irratti kennamuu akka qabu Ogeessi Xiin-sammuu kun hubachiisaniiru.

Leenjiin kunis dhalootaaf sirriitti kan kennamu taanaaan, dhaloota araada irraa bilisa ta’e (Addiction-free Generation) uumuun akka danda’amu dubbataniiru.
Kunis hawaasa yaada madaalawaan yaadu (Rational Thinker) uumuun dhaloota beekumsaafi dandeettiin yaaduu isaanii biyyoota addunyaa biroo waliin walqixa dorgomaa ta’e horachuun akka danda’amus himaniiru.
Yaadni akkamitti akka uumamu fi miira ofii akkamitti to’achuu akka danda’amu gadi fageenyaan hubachuuf leenjii sa’aatii 16 akka barbaachisu kan himan Naatinaa’el, namni tokko yoo hojjetus ta’ee yoo dubbatu of dhageeffachuufi sochii isaa (Present Moment) irratti xiyyeeffannaa kennuu akka qabus ibsaniiru.
Gabaasa Firehiwoot Birhaanuu Shuumii Badhaasooti qindeesse