Lammiin Hundi Kaardii Filannoo Fudhateen Egeree Biyyasaa Haa Murteessu – Abbootii Amantaa fi Abbootii Gadaa

AMN PLUS – Caamsaa 22/2018

Filannoon waliigalaa 7ffaan kan biyyi fuuldura ishee itti murteessituu fi lammiileen geggeessaa naaf ta’a jedhan itti filatan gaggeeffamuuf guyyoonni muraasni hafaniiru.

Filannoo seena-qabeessa egeree carraa biyyattii murteessu kana irratti lammiileen Itoophiyaa miliyoona 54 fi kuma 57 ol sagalee kennuuf galmaa’aniiru. Filannichi milkiin akka xumuramuuf abbootiin amantaa fi abbootiin gadaa adeemsa galmee irraa jalqabee uummataaf hubannoo uumuu keessatti gahee isaanii bahachaa turaniiru.

Abbaa Gadaa Fiqaaduu Wandimmuu lammiin kaardii filannoo fudhate kamiyyuu guyyaa filannichaa hirmaachuun egeree ofiifi egeree biyyaa murteessuu qaba jedhan.

Namni kamiyyuu filannoo osoo hin filatin bira darbuu akka hin qabne kan kaasan Abbaa Gadaa Fiqaaduun, paartii ykn dorgomaa dhuunfaa nuuf mala, nu tajaajila jedhan filachuun baay’ee barbaachisaadha jedhaniiru.

Dhaabbileen amantaa uummataaf hubannoo kennuu bira dabranii, Boordii Filannoo Biyyaalessaa loogii malee fi ciminaan akka ijaaramuuf gahee seeraa isaanii bahachaa turuu kaasan.

Barreessaan Waliigalaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaalee Itoophiyaa Qesiis Taagaay Taaddalaa gamasaaniin, manni marichaa aangoo labsiin kennameef bu’uura godhachuun kaadhimamtoota boordii filannoo calaluu keessatti itti gaafatamummaa guddaa akka bahe ibsaniiru.

Yeroo ammaa kanas, filannoon waliigalaa 7ffaan akka milkaa’uuf qooda fudhattoota biro waliin hojjechaa akka jiru eeraniiru.

Piriizidantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Haaji Amaan Eebbaa, lammiin tokko filannoo irratti hirmaachuun isaa lammummaa isaa kan itti mirkaneessu guddaa ta’uusaa eeraniiru.

Namoonni baay’een yeroo “Filannoo” jedhamu danta-dhabummaa argisiisuu danda’u. Haa ta’u malee, mirga uummataa keenyaaf ibsituun guddaan filannoo irratti hirmaachuu, geggeessaa nu tajaajila jedhan bilisummaan filachuudha jedhanii waamicha dabarsaniiru.

Hojiileen hojjetaman guutummaatti milkaa’ina kan argatan, yoo uummatni kaardii fudhateen sagalee isaan carraa biyyattii murteesse waan ta’eef, hordoftoonni amantaalee hunduu geggeessaa borii murteessuuf sagalee isaanii akka kennan abbootiin amantaa fi abbootiin gadaa waamicha dhiyeessaniiru.

Adeemsa siyaasa biyyattii keessatti boqonnaa guddaa ni qabaata kan jedhame filannoon waliigalaa 7ffaan, Wiixata dhufu Caamsaa 24 Bara 2018 A.L.I guutuu biyyattiitti ni gaggeeffama.

Gabaasni Kan Frehiwoot Birhaanuuti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply