Guyyaa Filannootti

You are currently viewing Guyyaa Filannootti

● Lammiilee miiliyoona 54 fi kuma 57 olitu sagalee kenna.

● Dhaabbilee biyya keessaa 55 fi kan alaa 2 filannicha ni taajjabu.

● Buufatni filannoo kumni 52 fi raawwachiiftonni filannoo kumni 359 guyyaa sana tajaajila ni kennu.

● Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa miseensota 59 qabuu fi kan IGAD miseensota 26 qabu Finfinnee seenaniiru.

● Garee taajjabdoota Gamtaa Afrikaa kan hoogganu pireezidandii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataadha.

● Miseensota hawaasa dippiloomaasii Finfinnee keessa jiraniif filannicha akka “keessummummaatti” daawwachuuf hayyamni kennameerafi.

● Dhaabbileen miidiyaa kan biyya keessaa 56 fi kan alaa 12 gabaasa filannichaa ni dhiyeessu.

● Bakka bu’oonni paartilee siyaasaa kumni 250 filannicha ni hordofu.

Ibsa Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa kan fudhatame

Gabaasni kan Kaasaahun Andu’aalem

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply