AMN PLUS- Caamsaa 22/2018
Nageenyi amanamaan sadarkaa ardiifi naannichaatti yoo hin jiraannee misoomaafi guddina mirkaneessuun akka hin danda’amne Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa jila Ajajaa Olaanaa Humna Waraanaa Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Sisaantoosii Jaaneen durfamu waliigaltee Itoophiyaa fi Moozaambiik gidduutti kanaan dura mallatteeffame kan tumsa waraanaa biyyooota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf xiyyeeffate irratti mari’ataniiru.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaa Itoophiyaa fi Moozaambiik hariiroo seenaa dheeraa waliin qabaachuu isaanii ibsuun, hariiroon seena-qabeessi biyyoota lameenii kunis Paana-Afrikaanizimii jalatti tokkummaa fi cimina irrattii kan hundaa’e akka ta’e ibsaniiru.
Yeroo dhiyoo asis hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddachaa akka jiru kan ibsan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaa, hariiroon michummaa irratti hundaa’e kun cimee itti fufuun nageenyaa fi tasgabbii naannoo eegsisuuf gumaacha guddaa akka qabus dubbataniiru.
Ajajaan Olaanaan Humna Waraanaa Moozaambiik, Jeneraal Juuliyoo Doo Sisaantoos Jaanee gama isaaniin biyyoonni lamaan dameewwan tumsa waraanaa garaagaraa keessatti waliin hojjechuun nageenya Afrikaa fi naannoo mirkaneessuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Itoophiyaa waliin dameewwan tumsa waraanaa hedduu keessatti qindoominaan hojjechuun isaanii, barnootaa fi leenjii irratti muuxannoo fi beekumsa bal’aa argachuuf akka isaan gargaares dubbataniiru.
Daayirektarri Daayirektoreetii Olaanaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaa Ministeera Rayyaa Ittisaa, Mejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu mariin kun waliigaltee tumsa waraanaa biyyoonni lamaan kanaan dura mallatteessan gara hojii qabatamaatti kan jijjiire ta’uu fi hojiiwwan tumsa fuulduraatti hojjetaman irratti kallattii kan kaa’e ta’uu isaa himaniiru.

Itoophiyaan nageenyaa fi misooma naannoo mirkaneessuuf kutannoo cimaa waan qabduuf, Moozaambiik dabalatee biyyoonni hedduun dameewwan waraanaa adda addaa keessatti Itoophiyaa waliin tumsa hojjechuuf fedhii agarsiisaa akka jiran ibsamuu isaa ENA gabaaseera.