Birmadummaan uummataa, mirgi murtoo kennuu qabatamaan mirkanaa’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Birmadummaan uummataa, mirgi murtoo kennuu qabatamaan mirkanaa’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 22/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee birmadummaan uummataa, mirgi murtoo kennuu qabatamaan mirkanaa’a jedhan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Itoophiyaan ni filatti jechuun ibsaniiru.

Filannoon ibsituu birmadummaa uummataa isa dhugaa tahuu kan ibsan Aadde Adaanech waltajjii uummatni abbaa aangoofi qaama murtoo kennuu isaa dhugaa tahus akka mirkaneessu ibsaniiru.

Ijaarsi sirna dimokiraasii dhugaa kan itti mul’atus aangoo murteessummaa uummataa kabajan fudhachuun tahuus hubachiisaniiru.

Uummataan filannootti hin hirmaatinaa, hin filatiinaa jechuun sodaachiisuuf yaaluun akkasumas anatuu siif beeka jechuun dogoggoraan wabii darbuun mirga walabummaa uummataa irraa molquuf yaaduun uummataaf tuffii qabaachuu kan agarsiisu, aadaa siyaasaa addunyaa har’aa waliin hin tarkaanfanne, ilaalcha boodatti hafaa tahuus Aadde Adaanech ergaa isaaniin ibsaniiru.

Uummatni keenya burjaaja’iinsa siyaasaa akkasii keessaa bahee fagatee deemeera, kan isaaf tahuufi hin taanee sirriitti beekaas kan hubachiisan Aadde Adaanech carraa gara fuulduraa biyya isaa murteeffachuu keessatti abbaan murtee dhugaa uummata tahus kaasaniiru.

Kanaafis bu’uurri dhugaan lammiileen Miliyoonni 54 ol filachuuf galmaa’uun carraa gara fuulduraa biyya isaanii ofiin murteeffachuuf qophii taasisuun gootummaafi kutannoo seenaa dhugaati jechuunis hubachiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech filannoon walabummaa uummataa kabajuun imala sirna dimokiraasummaa keenyaa agarsiisurra darbee biyya bu’uura cimaa qabdu ijaarus dabalataan ibsaniiru.

Filannoon Waliigalaa Itoophiyaa 7ffaan kun biyya keenya qofaaf osoo hin taane, guutuu ardii Afrikaa keessatti dimookiraasii dhugaa fi dandeettii keessoo uummataa gochaan agarsiisuuf dhiibbaa gaarii fi fakkeenyummaa guddaa kan qabu tahus Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply