Sagaleen keenya gatii guddaa qaba – jiraattota finfinnee

You are currently viewing Sagaleen keenya gatii guddaa qaba – jiraattota finfinnee

AMN PLUS – Caamsaa 23/2018

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan Caamsaa 24/2018 Wiixata borii adeemsiisuuf jirtu uummatni Miliyoona 54 fi Kuma 57 fi 861 galmaa’uun sagalee isaanii kennuuf guyyicha eeggachaa jiru.

Kanneen keessaa tokko kan tahan jiraattotni Magaalaa Finfinnees adeemsa sagalee kennuu kanarratti barraaqaan hirmaachuuf akka qophaa’an AMN Dijitaalitti himaniiru.

Sagaleen isaanii gatii guddaa akka qabu kan hubatan jiraattotni kunneen dammaqinaan filannoo irratti hirmaachuun paartii isaanif ta’uu kaardiidhaan filachuuf akka qophaa’anis ibsaniiru.

Waggaa shaniin al tokko carraa filachuutti sirnaan fayyadamuun mirga heera mootummaa fi dimokiraasii akka murteeffatan kan ibsan jiraattotni Finfinnee kaardiin filannoo fudhatanis sirnaan sagalee kennuun paartii isaaniif mijatuu filachuuf akka dandeessisuus ibsaniiru.

Filannoon biyya tokko keessatti daandii sirna dimokiraasii itti mirkaneessan keessaa tokko akkuma ta’e carraa kana fayyadamuuf guyyaa sagaleen itti kennamu hawwii guddaadhaan eegaa akka jiranis dubbataniiru.

Guyyaa kanaas paartii siyaasaa biyyaafi ummataaf hojii gaarii hojjetu jedhanii itti amanan sagalee isaaniitiin filachuuf akka qophaa’an kan himan jiraattotni kunniin namootni biroos kaardii filannoo fudhatan sirnaan itti fayyadamuun sagalee isaanii akka kennan ergaa isaanii dabarsaniiru.

Gabaasni kan Mikaa’el Hiruuy

#EthiopiaDecides

#EthiopiaElection2026

#EthiopiaVotes

#7thGeneralElection

#DemocraticMoment

#AfricanAgency

#Itoophiyaan_ni_Filatti

#ኢትዮጵያ_ትመርጣለች

#ምርጫ2018

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply