Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kenniinsa eeruufi deebiif haala mijataa uumuu ibse

You are currently viewing Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kenniinsa eeruufi deebiif haala mijataa uumuu ibse

AMN PLUS – Caamsaa 23/2018

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaan wal qabatee rakkooleefi taateewwan furmaata barbaadan yoo uumaman akkaataa itti hatattamaan eeruufi deebiin kennamuu hundeessera.

Boordichi sirna hundeeffame kanaan dhaabbileen dhimmi ilaallatuufi qaamoleen qooda fudhattootaa odeeffannoowwan dursanii akka argatan, deebii ariifachiisaa akka kennaniifi filannoon naga qabeessi akkasumas amanamummaa qabu akka gaggeeffamuuf itti yaadamee qophaa’uu ibseera.

o Rakkoolee Akkamii Eeruu Dandeessu?

• Dhamaatiiwwan adeemsa filannoo irratti uumaman yoo jiraatan

• Wayita sagaleen kennamus tahe lakkaa’amu rakkoon yoo mudate

• Dhiyeenya buufata filannootti rakkoon yoo uumame

• Doorsisni filattootarra gahu yoo jiraate

• Miidhaa meeshaalee filannoorra gahu

• Jeequmsi ykn doorsisni yoo jiraate

• Odeeffannoowwan sobaa muddama uuman yoo mudatan

• Gochootni filannoo danqan yoo jiraatan eeruu kennuu dandeessu

o Yoom Eeruu Kennuun Isinirra Jiraata?

• Wayita adeemsi filannoo danqamu argitan

• Taateewwan oliitti eeraman kallattiin yoo argitan

• Yaaddoon jeequmsaa ykn walitti bu’iinsaa yoo jiraate

• Taateewwan tarkaanfii ariifachiisaa barbaadan wayita argitan

o Akkamiin Eeruu Kennuu Dandeessu?

• Karaa toora bilbila bilisaa 6214 fayyadamuun

• Ergaa gabaabaa 7555 fayyadamuun

o Eeruu kennitanitti odeeffannoowwan asii gadii itti dabalaa;

• Maaltu akka mudate

• Eessatti akka mudate

• Yoom akka mudate

• Eenyu akka irratti hirmaate ( yoo beektan itti dabaluun)

o Eenyutuu Eeruu Kennuu Danda’a?

• Lammiilee

• Taajjabdoota filannoo

• Paartilee siyaasaa

• Dhaabbilee hawaasa siiviilii,

• Waldaalee dubartootaafi dargaggootaa,

• Raawwachiistota filannoo,

• Hojjettootaafi hoggantoota boordichaa

o Eeruu Erga Kennitanii Booda Maaltu Hojjetama?

1)Eeruun ergame qaama dhimmi ilaaluun qoratama

2)Dhugummaan odeeffannoo dhiyaatee ni mirkanaa’a,

3)Akka barbaachisummaa isaatti boordiin filannoofi dhaabbileen dhimmichi isaan ilaallatu qindoominaan deebii kennu

4)Tarkaanfiin fudhatame ykn deebiin kenname eeruu kan dhiyeesseef ibsamuu danda’a

o Eeruu Kennuun Keessan Maaliif Barbaachise?

• Iftoomina filannichaa fooyyessuuf

• Filannoon naga qabeessaafi amanamummaa akka qabaatuuf

• nageenya filattootaafi raawwachiistota filannoo eeguuf

• Jeequmsaafi walitti bu’iinsa ittisuuf

Caamsaa 24/2018, Guyyaa Filannooti!

#EthiopiaDecides

#EthiopiaElection2026

#EthiopiaVotes

#7thGeneralElection

#DemocraticMoment

#AfricanAgency

#Itoophiyaan_ni_Filatti

#ኢትዮጵያ_ትመርጣለች

#ምርጫ2018

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply