Filannoon baranaa teekinooloojii ammayyaatiin deggaramuun adda isaa taasisa-Jiraattota Finfinnee

You are currently viewing Filannoon baranaa teekinooloojii ammayyaatiin deggaramuun adda isaa taasisa-Jiraattota Finfinnee

AMN PLUS-Caamsaa 23/2018

Lammiileen Itoophiyaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa kallattii imala biyyatti murteessu irratti sagalee isaanii kennuuf dammaqinaan akka qophaa’an ibsaniiru.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnees guyyaa seena qabeessa kana abdii fi hawwii guddaadhaan eegaa akka jiran AMN’f kan ibsan, filannoon bara kanaa filannoowwan kanaan dura gaggeeffamarraa irraa teekinooloojii ammayyaatti bal’inaan fayyadamuun addaa akka ta’e ibsaniiru.

Jiraattuun Magaalaa Finfinnee shamarree Maqraz Solomoon filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa baay’ee seena qabeessa akka ta’e ibsuun, guyyaan filannoo hanga gahuttis hawwii guddaa fi qophii barbaachisaa taasisuun eegaa akka jirtus dubbateert.

Jiraatan Finfinnee inni biraa Obbo Dammanaa Mulugeetaa ammoo hawaasni paartii isaaf ta’u filachuuf haalli mijataan uumamuu isaa ibsuun, isaaniis paartii siyaasaa itti amananiif sagalee kennuuf guutummaatti akka qophaa’an himaniiru.

Paartii siyaasaa waggoota shanan itti aananif biyya bulchuu filachuuf boru sa’aatii 12tti buufata filannootti argamuuf qophii ta’uu kan himan Aadde Tsahaay Hayiluu, filannoon kunis Itoophiyaa gara boqonnaa haaraa fi fooyya’aatti ceesisuuf shoora olaanaa akka qabu ibsuun hirmaannaan uummataa bal’aan milkaa’ina filannoo fi cimina dimokiraasii biyyaaf murteessaa akka ta’es dubbataniiru.

Jiraattuun biraa magaalaa Finfinnee Aadde Eelsaan haalli adeemsa duula filannoo baranaa karaa dijitaalaa fi ammayyaatiin taasifamaa turuun adda akka isaa taasisuu ibsuun, sirni galmee filattootaa, ijaarsi fi qindoominni buufataalee filannoo bara kanaa filannoowwan kanaan dura gaggeeffaman waliin yeroo madaalamu aadaa dimokiraasii fi bilchina siyaasaa kan calaqqisiisu akka ta’e yaadachiisaniiru.

Gabaasni kan Barakat Geetaachooti

#EthiopiaDecides

#EthiopiaElection2026

#EthiopiaVotes

#7thGeneralElection

#DemocraticMoment

#AfricanAgency

#Itoophiyaan_ni_Filatti

#ኢትዮጵያ_ትመርጣለች

#ምርጫ2018

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply