Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan bori adeemsifturratti dippiloomaatoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan waliin mari’atame

You are currently viewing Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan bori adeemsifturratti dippiloomaatoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan waliin mari’atame

AMN PLUS – Caamsaa 23/2018

Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan haala Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaatti bori adeemsifamu ilaalchisuun dippiloomaatoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan waliin mari’ataniiru.

Taajjabdoota Gamtaa Afrikaa filannicha taajjabuuf Finfinnee jiran kan dursan Uhuuruu Keeniyaataan haala qophii fi dhimmoota walqabatanirratti dippiloomaatoota kanneen waliin yaada waljijjiiruu ENA’n gabaasera.

Uhuuruun taajjabdoota Gamtaa Afrikaa biyyoota Afrikaa 37 irraa walitti babba’an 73 dursuun Finfinneetti argamu.

Jilichi qophiilee mootummaa fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannicha milkeessuuf taasisaa turan qorateera.

Filannoon filattootni Miliyoona 54 fi Kuma 57 ol sagalee kennuuf galmaa’an kun guddina dimokiraasii biyyattiif daran murteessaa ta’uu hirmaattootni jilichaa ibsaniiru.

Jilli taajjabdootaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Pireezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan durfame kun guyyaa boruu guutuu biyyattirra naanna’uun adeemsa filannichaa ni hordofaan eegama.

#EthiopiaDecides

#EthiopiaElection2026

#EthiopiaVotes

#7thGeneralElection

#DemocraticMoment

#AfricanAgency

#Itoophiyaan_ni

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply