Gamtaan Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itoophiyaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf taajjabdoota naannolee hundatti bobbasuuf qophii tahuu ibse

AMN PLUS – Caamsaa 23/2018

Gamtaan Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa taajjabdoota Kuma 4 fi 97 filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf naannolee hundatti bobbaasuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Gamtichi ibsa AMN’f ergeen akkaataa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarraa beekamtii argateen filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa guyyaa boruu gaggeeffamuuf taajjabdoota Kuma 4 fi 97 akka bobbaasu hubachiisera.

Taajjabdootni lakkoofsi isaanii eerame kunniin dhaabbilee miseensa gamtichaa 101 irraa kan walitti babba’an tahuun ibsameera.

Akka ibsa gamtichaatti Kuma 3 fi 301 dhaabbiin kan taajjaban yoo tahan Kumni 1 fi 60’n ammoo bakkaa bakkatti socho’uun kanneen raawwiifi adeemsa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa daawwatanidha jedhameera.

Gabaasni taajjabdootni kunneen dhiyeessan sirna ammaayyaan teeknoloojiin deeggaramee qaama dhiyaachuu qabuuf hatattamaan kan dhaqqabu yoo tahu, haala jiru ilaalchise guyyaa walakkaa ibsa sadarkaa jalqabaa fi gabaasa kan kennu ta’uu Gamtichi ibsa AMN’f ergeen hubachiiseera.

#EthiopiaDecides

#EthiopiaElection2026

#EthiopiaVotes

#7thGeneralElection

#DemocraticMoment

#AfricanAgency

#Itoophiyaan_ni_Filatti

#ኢትዮጵያ_ትመርጣለች

#ምርጫ2018

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply