Uummataaf galeera – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Uummataaf galeera – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 24/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jiraattotni magaalattii buufatalee filannoo hundatti filachuuf argamuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin uummataaf galeera jedhaniiru.

Biyya keessaa hanga alaa duula miidiyaa irratti qindaa’eef uummata harka hin kennine jechuunis ciminaafi cichoomina uummata biyyatti ibsaniiru.

Aadde Adaanech uummatni mirga dimokiraasii isaatti fayyadamuun finfinnees tahe biyya gara fuulduraatti kan gaggeessu filachuuf barii barraaqaan bahuun sagalee isaa kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagaleen uummatni kennu guddina damee siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaa keessatti shoora olaanaa qabaachuus Aadde Adaanech kaasaniiru.

Shaakalliin sirna dimokiraasii guddachaa deemuun biyya bu’uuressuurra darbee biyyoota biroof muuxannoo akka tahullee ni eegamaan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin darbaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply