AMN PLUS – Caamsaa 24/2018
Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti guyyaan kenniinsa sagalee eegamaa ture ganama sa’atii 12:00 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Kutaa Magaalichaa Naannoo Filannoo Aqaaqii Qaalliittii 26 fi 27 jalatti buufataalee filannoo argaman hundaa jalatti adeemsi kenniinsa sagalee gaggeeffamaa jira.
Ijaarsa sirna dimokraasii fi ce’umsa aangoo karaa nagaafi haqa qabeessaaf murteessaa kan tahe filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaarratti
kutaaleen hawaasaa haadholiin, abbootiin, dargaggootni, qaama miidhamtoota dabalatee kanneen umriin isaanii filannoof gahe hundi sa’aatii 12:00 irraa eegaluun dabareen sagalee isaanii kennaa jiru.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq